Website WordPres dhaan Ijaarame
WordPress: Content Management System (CMS) addunyaarraa beekamaa tahee fi fayyadamtoota miliyoonaa ol qabuudha. Wantoota isa adda taasisan keessaa hangafni salphaa, saffisaa fi beekkumsa koodii gad fagoo kan hin barbaachisne ta’uu isaati. Mee waa'ee isaa tokko tokkoon waliin haa ilaallu:
1.WordPress maali?
WordPress software bilisaa (open-source) ta’ee, websaayitii ijaaruu, gulaaluu fi tamsaasuu kan nuuf salphisuudha. Namni beekumsa koodii kanneen akka HTML, CSS, fi PHP xiqqoo qabu illee websaayitii bal’aa ijaaru danda’a.
2. Qoodaalee bu’uuraa WordPress
Database: kuusaa faayiloota website keenyaa kanneen akka posts, comments, users.
3. Tarkaanfii Ijaarsa WordPress
WordPress fayyadamuudhaan website tokko ijaaruudhaaf jalqaba wantoota lamatu nu barbaachisa. Isaanis:
Tajaajiloota kanneen ammoo sadarkaa idil addunyaatti dhaabbileen garagaraa kamneen dhiheessan waan jiraniif bitachuu dandeessu. Kanneen sadarkaa addunyaattu tajaajiloota kanneen dhiheessan keessaa muraasni: Hostinger, Bluehost, SiteGround fa'adha.
Akka biyya teenyaatti ammoo dhaabbileen tajaajiloota kananeen dhiheessan kanneen akka Ethiotelecom, Yegara Host fi kkf ni jiru. Kanaaf malleen kafaltii biyya keessaa fayyadamuun tajaajiloota kanneen argachuu dandeessu.
Akkuma tajaajila WordPress install godhi (cPanel → “Softaculous” → One-click install).
Theme filadhu (Astra, OceanWP, GeneratePress, Neve, fi kkf).
Plugins barbaachisoo install godhi:
Yoast SEO (SEO fooyyessuuf)
Elementor / Gutenberg (fuula ijaaruuf)
WooCommerce (daldala online)
Contact Form 7 (foormii)
UpdraftPlus (backup)
Content galchi: About, Services, Blog, Contact fi kkf.
Customize fi test gochuu: mobile-friendly, SEO, fi security ilaali.
Website launch godhi.
5. Fayyadamoota WordPress
Bloggers: barreessitoota, odeeffannoo tamsaasuu.
Business websites: dhaabbata, tajaajila, marketing.
Portfolio: hojii fi skills agarsiisuuf.
E-commerce: via WooCommerce.
Educational platform: LMS plugin (LearnPress, Tutor LMS).
6. Fayyadama fi Foyya’insa (Advantages)
Free fi open-source
Themes fi plugins hedduu (50,000+ free)
Easy to use (drag & drop)
SEO-friendly
Community bal’aa fi deggarsa cimaa
Mobile-responsive themes
7. Hanqinoota muraasa (Limitations)
Security: yoo update hin godhamne malwaretti saaxilama.
Plugins hedduun site ni dafee salphisa.
Server gahaa hin jirre yoo ta’e, ni tursiisa.
8. Eegumsa fi Tajaajila
Updates: WordPress, themes fi plugins yeroo yerootti update godhi.
Backup: yeroo hunda duubatti deebii kuusi.
SSL certificate: HTTPS fayyadami.
Limit plugins: waan barbaachisu qofa fayyadami.
9. Fakkeenya hojii
www.tesfaacademy.com – barnoota online
www.addisstore.com – e-commerce
www.jemaablog.com – blog amantii/islaamaa
www.portfolioararso.com – web developer portfolio
10. Xumura
WordPress websaayitii ijaaruuf furmaata saffisaa, salphaa fi jabaataa dha. Namni tokko HTML/CSS beeku yookiin hin beeku illee website ammayyaa fi qindaa’aa diriirsuu danda’a